• Sun. Jun 4th, 2023

Qabsa’aan Gameessi Aartist Zarihun Wadaajoo du’aan Addunyaa kanarraa boqote

Apr 23, 2023

SQ-Eebila 23, 2023

Qabsoo Bilisummaa Oromootti gama Aartiitiin Uummata dammaksaaf Ijaaraa kan ture, Aartist Zarihun Wadaajoo yaalii yeroo dheeraa booda Eebila 22, 2023 Biyya Indiitti du’aan Addunyaa kanarraa boqoteera.

Aartist Zarihun Wadaajoo jireenya gidiraaf roorroo hamtuun guutamte jiraachaa, utuu nuffe, dadhabe hin jedhin ifaajee inni Qabsoo Bilisummaa Oromootiif taasisaa ture waan dalphaatti ilaalamus miti.
Aartistii keenya kabajamaa kana du’aan of biraa dhabuu keenyatti gadda guddaa nutti dhagaa’ame ibsachaa; maatii, firoottaniif Uummata Oromoo bal’aaf jajjabina hawwina!

One thought on “Qabsa’aan Gameessi Aartist Zarihun Wadaajoo du’aan Addunyaa kanarraa boqote”
  1. Qabsaa’aa Gameessa Keenya Dhabuu keenyatti Baayee Gaddineerra,Qabsaahaan Kufuun Qabsoon Kufuu hin taatu waan taheef dhaloonni waan isaan har’aan gahaan itti cichoomee Bilisummaa,WalabummaafiBirmadummaa Oromiyaa Galata isaaniif haa Goonu!!!OB

Leave a Reply