ONM-ABO Ebla 25, 2023
Waraanni naatoo tokko uummataaf hin qabne teessuma nama dhuunfaa tiksuu fi sadoo dhuunfaa isaanii guuttachuuf yeroo hundaa lubbuu lammilee isaanii galaafachaa oolan, baattotni ilaalcha Minilik bilxiginnaan, Oromiyaa bakkoota maratti guyyaadhaa gara guyyaatti qe’ee ilmaan oromoo saamuu fi ajjeechaa jumlaa raawwachuu itti fufaniiru.
Haaluma kanaan godina Qellem Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaan ganda Tuulamaa keessatti Ebla 24, 2023 badii tokko malee namoota jiruu dhuunfaa isaanii daldala warqee irratti bobba’uun ofii fi maatii isaanii jiraachisan namoota afur bakka tokkotti rasaasa itti roobsuun ajjeesanii kan gatan yoo ta’u namootni ajjeefamanis Mirreessaa Guddataa, Addisuu Abdiisaa, Caalaa Taakkalee fi Asheetuu Teedii ta’uu jiraattonni dubbatu.
Sanbata darbe Ebla 22, 2023 aanuma Hawwaa galaan ganda Tuulamaa keessatti namoota lama Taajuu fi Toofiqoo kanneen jedhaman ajjeesanii jiru. Rakkoo neetwoorkii fi nageenyaa naannoo sanaan wal qabatuun maqaa guutuu hin argatin jirra.
Oduuma wal fakkaatuun godinuma Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo ganda Guutee Sooyyomaa bakka addaa Gabaa Kamisaa jedhamutti kaleessa Ebla 24, 2023 nama maqaan isaa Shullaa Kumarraa fi Ibsaa Gizawuu jedhamu badii tokko malee waraanni faashistii PP ajjeesan.
Namni kun siyaasa kam keessaa kan hin qabnee fi jiruu dhuunfaa isaa hojjetachuun ofii fi maatii isaa kan jiraachisaa ture ta’uu jiraattonni ibsuun, gocha waraanni faashistiin Itoophiyaa ilmaan Oromoo irratti raawwachaa jiru teenyee hidhii walii xuuxuun osoo hin taane tokkummaan falmannee ofirraa fonqolchaan nagaa arganna jechuun yaada isaanii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.