ONM-ABO Ebla 25, 2023
Waraanni faashistii impaayera itoophiyaa gochaalee gara jabeenyaa uummata irratti raawwachuu itti fufuun, Ebla 24, 2023 Kibba Oromiyaa aanaa Oddoo Shaakkisoo ganda Dhibbaa Battee keessatti qeerroo tokko baajaajii isaa waliin guban.
Waraanni kunneen qeerroo kanatti sababa tolfatanii bira deemuun tola akka fe’u gaafachuun, yeroo inni didu isaaf baajaajii isaatti ibidda qabsiisuun ajjeesuu maddeen keenya gabaasaniiru.
Akka maddeen keenya jedhanitti ibidda itti qabsiisuu qofa otoo hin taane, akka inni baqatee of hin baraarree fi namoonni birmatanii dhufan akka lubbuu isaa hin oolchine afaan qawween dhorkaa turuun erga lubbuun isaa keessaa baatee bakka sanaa deemuu addeessaniiru.
