• Thu. Apr 25th, 2024

Godina Gujii lixaa aanaa Bulee Horaa irraa miseensonni raayyaa ittisa impaayerattii ja’a mooraa waraana PP ganuun gara gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennatan 

Apr 26, 2023

ONM-ABO Eebila 26, 2023

Murni faashistii PP lola injifatamaa jiru deebisee dandamachuuf ilmaan hiyyeessaa waggaa 18 gadii bakkoota adda addaatti humnaan qabee leenjii kennuufiin gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo akka lolaniif bobbaasus kaayyoon sirni bilxiginnaa qabatee jiru faayidaa akka hin qabne hubachuun ilmaan Oromoo qawwee fi hidhannoo isaanii waliin sirnicha ganuu itti fufanii jiru.

Akka kanaanis godina Gujii lixaa aanaa Bulee Horaa ganda Gaalee Magaadaa irraa Eebila 24, 2023 waraanni raayyaa  ittisa impaayerattii shan mooraa waraana faashistii PP ganuun gara WBOtti kan makaman yoo ta’u aanuma Bulee Horaa ganda Cabbittii Magaadaa irraa ammo waraanni tokko ba’uun walumaagalatti loltootni Abiy Ahimed raayyaa ittisa biyyaa jedhamuun maqaaf waamaman baay’inni isaanii ja’a ta’an meeshaa fi hidhannoo guutuu qabatanii mooraa WBOtti makamanii jiru.

Miseensonni raayyaa ittisa  impaayerattii duraanii dirqiin  sirnicha tajaajilaa turan kun qawwee diinaa baannee uummata keenya hin ajjeefnu jechuun qawwee Turkii lama, qawwe Raashiyaa tokko fi dachaatu sadii, Boombii harkaa lama, rasaasa kilaashi 1360 fi hidhannoo 6 waliin WBOtti harka kennachuun mooraa WBO ittiin gabbisaanii jiru.

Akka miseensonni waraana  bilxiginnaa duraanii kun Arraata Biyyolesa Oromiyaaf yaada isaanii ibsanitti dirqiinis ta’e dogoggoraan cubbuu uummata Oromooo irratti raawwachaa turreef dhiifama gaafannee WBO faana hiriirree qabsoo saba keenyaa geggeessina jechuun kanneen mooraa diinaa keessatti hafuun meeshaa diinaa baachaa jiraniin ammoo gara WBOtti akka harka laadhachuun qabsoo saba isaanii bira dhaabbatan waamicha dhiyeessaniiru.

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoos miseensota waraana bilxiginnaa kanaaf simannaa hoo’aa taasiseefii jiraachuu fi qabiinsa godhameefittis gammaduu dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading