• Tue. Nov 24th, 2026

Lixa Shaggar Aanaa Abuunaa Gindabarat gandoota garaa garaa keessatti waraanni murna faashistii PP manneen qonnaan bulaa ibiddaan barbadeessuu itti fufe 

Apr 26, 2023

ONM-ABO Eebila 26, 2023

Gama tokkoon nagaa fi araara labsaa, gama biraan ammoo sakattaa Waraana Bilisummaa Oromoo jechuun, humna waraanaa uummata keessa bobbaasuun nama ajjeesisaa fi mana akkasumas qabeenyaa uummataa barbadeessisaa kan jiru abbaan irree PP,  Eebila 24, 2023, Lixa Shaggar Aanaa Abuunaa Gindabarat gandoota garaagaraa keessatti manneen uummataa 10 gubuu isaa gabaasnee kan turre yoo ta’u, ittuma fufuun Eebila 25, 2023 gandoota Gooroo Dhoqonuu fi Doggomaa Yagootii keessaa manneen uummataa 10 ol ibiddaan barbadeessuu maddeen keenya ona Abuunaa Gindabarat irraa gabaasaniiru.

Ganda Gooroo Dhoqonuu keessaa maqaan namoota manni jalaa gubatee, kan maqaa arganne:- Daamxoo Bokonaa, Daanyee Amantee, Adimaasuu Xaafaa, Tarreessaa Raggaasaa, Amanuu Abarraa, Taajjabaa Qadiidaa, Tolasaa  Hillikuu, Shuumii Caannee  yoo ta’an ganda Doggomaa Yagootii keessaa ammoo:- Jaambii Bochee jalaa mana 2 fi midhaan kuntaala 10 gubaniiru.

Aanota Lixa Shaggar hedduu keessatti maqaa WBO deggertu jedhuun ajjeechaa,dararaa hamaa, manaa fi qabeenyaa uummataa jalaa barbadeessuun kan duraanii caalaa jabaatee itti fufuu maddeen keenya Arraata Biyyoolessaa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply