• Sun. May 28th, 2023

Lixa Shaggar aanaa Meettaa Wal Qixxee keessatti hidhattootni garee maafi’aa PP namoota nagaa sadii rasaasa itti roobsuun ajjeesan 

Apr 26, 2023

ONM-ABO Eebila 26, 2023

Ilmaan Oromoo Oromiyaa keessatti badii isaanii malee maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggarta jedhuun guyyaa guyyaan rasaasa faashistii PP’n akka baalaa harca’aa oolu.

Gaddi fi gadadoon qe’ee ilmaan Oromoo keessaa bara bulchinsa abbaa irree Abiy Ahimed kan dhaabbatee hin beekne yoo ta’u  gochi sukkanneessaan hidhattoota kanaan rawwatamu guyyaa guyyaan daran itti fufuun Lixa Shaggar aanaa Meettaa Walqixxee ganda Buufaa Caffee keessatti dheengadda gaafa Ebla 24, 2023 haala sukkanneessaan qonnaan bultoota sadii rasaasa itti roobsuun ajjeesan.

Namoonni ajjeefaman kunis Magarsaa Mootummaa Raggaasaa fuudhe kan torban hin guunne, Zawudee Baqalaa abbaa maatii shanii kan ta’ee fi namni tokko ammaaf maqaan isaa kan nu hin qaqqabin ta’uu maddeen nuuf himaniiru.

Namoonni rasaasa faashistii kanaan ajjeefaman kun namoota hojii qonnaan jiraatan yoo ta’u siyaasa irraa bilisa akka ta’an jiraattootni ollaa isaanii ni dubbatu.

Gocha sukkanneessaa  uummata meesha maleeyyii irratti rawwatame kanattis hawaasni gandichaa gadduu ibsan.

Itti dabaluunis uummata nagaa Oromummaa isaanii qofaan yakkanii lafarraa duguuganii bulchuuf yaaduun gootummaa osoo hin taane mallattoo kufaatii isaa kan agarsiisuudhas jedhaniiru.

Leave a Reply