ONM-ABO Eebila 28, 2023
Bulchiinsa abbaa irree lafa qabsiisuuf waraanni fi kaabinootni murna biltsiginnaa waliin ta’uun maqaa isin deggertoota waraana bilisummaa Oromooti, ni nyaachiistuu fi daandii agarsiistu jechuun qabeenyaa uummata jalaa saamuu itti fufanii jiru.
Akka kanaanis Lixa Shaggar ona Ada’aa Bargaa ganda Iluu Xoosimii keessatti Eebila 26, 2023 obbo Tashoomaa Dirribaa Jalaa Midhaan kuntaala 30 fe’atanii deemuu maddeen keenya addeesaniiru.
Saamicha qabeenyaa gandichatti taasisaniin alattis namoota nagaa siyaasa irraa walaba ta’an waraanni bilxiginnaa badii tokko malee qabuun achi buutee dhabamsiisee jira.
Namootni kunis maqaan isaanii Addunyaa Dirribaa, Urgee Dhaabaa, Mangistuu Hirkoo fi Taadduu Girmaa kannen jedhaman ta’uun beekameera.

