• Fri. Apr 26th, 2024

Lola Sudaan keessatti guyyoota 14’ffaa lakkoofsiseen miidhaan baqattoota Oromoo irra gama lubbuu fi qabeenyaan qaqqabuu itti fufe 

Apr 28, 2023

ONM-ABO Eebila 28, 2023

Lola lixa  Sudaan, Darfurii fi magaalaa guddoo biyyattii Kaartum keessatti Eebila 15, 2023 eegalee itti fufee jiruun lammiilee biyyattii, hojjettoota gargaarsaa fi baqattoota irra miidhaan lubbuu, qaamaa fi qabeenyaa qaqqabaa jira.

Haala kanaanis baqattoota Oromoo bulchiinsa abbaa irree Itoophiyaa jibbuunii fi jireenya dhuunfaa isaanii fooyyeffachuuf Oromiyaa irraa garas deeman lubbuun darbaa fi qabeenyaan saamamaa akka jiran barameera.

Biyya Sudaan naannoo Arkaawwit jedhamutti abbaa manaa fi haadha manaa, Umar Taajuu fi Fadilaan kan ajjeefaman yoo ta’u, naannoo Bahaariitti dargaggoo Faarid  Naggaa jedhamu miilla isaa rukutuun madeessan.

Ittuma dabaluun nama maqaan ishee  Immabeet Adaanee jedhamtu miilla rukutuun madeessanii jiru.
Naannoo Bahaar jedhamutti qaamotni wal gurmeessanii meeshaan socho’an mana seenuun qarshii Sudaan 810,000 saamanii deeman.

Dhibdee garee waraana Sudaan Sudan Armed Force fi Rapid Armed Force gidduutti geggeefamaa jiruun gudeeddiinis baqattoota irratti raawwatamaa jiraachuu kan himan baqattootni, haala amma keessa jiran yoo dubbatan, naannoo hedduu keessa bishaan hin jiru, waanti nyaataa, dukkaanni gadi ba’anii waa irraa bitatanii fi manni qorichaa akka hin jirre kaasuun yaaddoo hamtuu keessa jiraachuu dubbataniiru.

Yeroo lolli jabaan garee waraana Sudaan Jeneraal Abdel Al Buran fi garee finciltootaa Rapid Armed Force jedhaman kan Jeneraal Mahaammad Dagaloo waliin geggeeffamaa jiru itti fufe kanatti  lammiileen Sudan lakkoofsaan hedduu ta’an lafa xiqqoo fooyya’aatti godaanaa kan jiran yoo ta’u, baqattootni Oromoo filannoo dhabuun mana keessa dhoqatanii balaa dhufu eeggachaa jiraachuu dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading