• Fri. Apr 26th, 2024

Murni bilxiginnaa miseensota poolisii humna addaa Oromiyaa gara miseensa poolisii idileetti jijjiiruun aanaalee Oromiyaa saddeetamaatti ramaaduu fi waraana Iizii 5’niin Oromiyaa keessatti lola banuuf qophii irra jiraachuun saaxilame

Apr 28, 2023

ONM-ABO Eebila 28, 2023

Uummaata Oromoo dabalatee gaaffii mirga hiree murteffaannaa saboota cunqurfaamoo biroo irraa dhiyaatuu fi wal gaarreffannaa naannoolee impaayerattii gidduu jiru sodaachuun aangoo giddu galeessatti kuufachuuf bilxiginnaan fedeeraala sududuumaan jabinaan of dhaabuuf caaseffamni pooliisoota humna addaa naannoolee akka hin jiraannee fi diigamu murteessee ture bifoota garaagaraan hojiitti hiikaa jira.

Haalumaa kanaan miseensota poolisii humna addaa Oromiyaa ta’uun kan tajaajilaa turan, gurmaa’insi fi caaseffamni isaanii diigamuun barnoota haroomsaa sirnichi kennuuf fudhachuun miseensonni poolisoota humna addaa Oromiyaa gara miseensa poolisii idileetti jijjiiramuun aanaalee Oromiyaa saddeetamatti ramaduuf  qophii irra jiru.

Aanoota godinaalee Oromiyaa keessaa Harargee, Wallaggaa, Boorana, Gujii, Lixa Shaggarii fi kanneen biroo keessatti bifa haaraan karooraa fi qajeelfama baasuun gara aanoota godinaalee Oromiyaa kanneeniitti qoqqooduuf, qophii xumuranii jiraachuu keessa beektotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru

Tibba darbe Eebila 15, 2023 Itaamaajor Shuumiin waliigalaa raayyaa ittisa impaayerattii fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa ibsa kennaniin, kana booda gurmaa’insi poolisoota humna addaa naannolee akka hin jirre himuun, dirqamaa fi ergamni isaan fudhatanii bobbaa’anis hin jiru jechuun ibsuu isaa gabaasnee turre.

Kun kanaan osoo jiruu murni bilxiginnaa waraana isaa Iizii 5 tooftaa fi leeccalloon goyyomsuun Oromiyaa kutaalee garaagaraa keessa bifa haaraan qubsiisuun duula haaraa uummata nagaa irratti banuuf murteessee jira.

Waraanni kunis Iizii bahaa amma kan naannoo Harargee jiru, Iizii dhiyaa amma kan Goojjam jiru, Iizii 6ffaa amma kan gara Walloo jiru, Iizii Kibbaa kan amma Booranaa fi Gujii jiru, Iiizii giddu galeessaa kan amma Wallagga jiru cufaaf adeemsa hojii irratti qajeelfamaa fi ibsa kennuufiin diviizhiniitti qooduun lola biroof of qopheessaa jiraachuu maddeen waraanaa ibsanii jiru.

Murni faashistii PP dhiibbaa dippiloomaasii fi humna gooticha Waraana Bilisummaa Oromoon qaama sadaffaa didaa ture fudhatee mariif Taanzaaniyaatti argamus Oromiyaa keessatti garuu waraanni isaa nama ajjeesuu fi qophii lolaa taasisuu itti fufee jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading