ONM-ABO Eebila 28, 2023
Goleewwan Oromiyaa cufa keessatti waraana Biltsiginnaatiin ajjeechaan ilmaan Oromoo irratti raawwatamaa jiru akka malee jabaachaa kan jiru yoo ta’u, tibba mariin nagaaf taasifamu gaggeeffamaa jiru kanatti haala yeroo golgaa godhachuun yakki waraana sirnichaan gaggeeffamuutti jirus murna faashistii Itoophiyaa waliin nagaan waaraa akka dhufuu hin dandeenye yaaddoo kan agarsiisaa jiruu dha.
Oduma kanaan wal qabatuunis baha Shaggar aanaa Boosat magaalaa Boolee keessaa dargaggoon Umar Husseeyin Daadhii jedhamu waraana biltsiginnaatiin badii tokko malee bakka hojii isaatii fuudhamuun torban tokkoo ol eega hidhameen booda dheengadda Eebila 26, 2023 kan ajjeefame ta’uun barameera.
Dargaggoon kun nama ammaaf maqaan isaa adda hin baane faana kan ajjeefame yoo ta’u, namni isa faana ajjeefame kunis gaafa Sanbata duraa maallaqa kuma shantama gara baankiitti geeffatee bahaa Osoo jiruu maallaqa kana Waraana Bilisummaa Oromoof ergitee baata jedhanii qabuun Dargaggoo kana faana gara godina Arsii aanaa Martii bakka mooraa Dofaanii jedhamtutti geessuun Eebiluma 26 ooyiruu boqolloo keessatti ajjeesanii biraa deemuu jiraattotni dubbatan.
Walumaa galatti torbee kana keessa aanaa Martii keessatti namoonni nagaan 15 ol waraana PP’n ajjeefamuu kan dubbatan jiraattonni rakkoon aanota Martii, Boosat fi Fantaallee irra ga’aa jiru hamaa ta’uu, hawaasni aanolee kanneenii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

