ONM-ABO Caamsaa 2, 2013
Murni Biltsiginnaa lola waggoottan shanan darban Waraana Bilisummaa Oromoo waliin gaggeessaa jiru, bakka qaamni sadaffaan jirutti mariin xumurachuu waan itti waliif gale fakkeessuun uummata biyya keessaa fi qaamota dhibdee kana furuuf yaala jiran goyyoomsuun, maricha golgaa godhatee lola bifa haaraatiin Oromiyaa irratti banuuf laf-jala haala mijeeffachaa jiraachuu sosochii fi tarkaanfii sirnichi fudhachaa jiru ni mirkaneessa.
Oduma kanaan wal qabatuun kaleessa jechuun caamsaa 1, 2023 Biltsiginnaan meeshaalee waraanaa gurguddaa, konkolaataa Abbaa miilla kudhanii hedduumina qabutti fe’uun, gara lixa Oromiyaatti gadi guuraa jiraachuun beekameera.
Meeshaaleen gurguddoon gadi fe’amaa jiran kunneen Taankii, Laawuncherii, zu-23 konkolaataa shantamaa ol, akkasumas meeshaalee dhoksaan dugda konkolaataatti haguugamuun fe’amanii jiranii fi qallaba konkolaataa hedduutti fe’achuun kaleessa galgala sa’a 11:00 irraa eegalanii osoo wal irraa hin citin Finfinnee irraa ka’uun bulchiinsa magaalaa Buraayyuu qaxxaamuruun gara lixa Oromiyaatti deemsa eegaluu maddeen gabaasaniiru.


