• Fri. Apr 26th, 2024

Waraanni faashistii PP godina baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa keessatti ilmaan Oromoo sadii badii tokko malee ajjeesan

May 2, 2023

ONM-ABO Caamsaa 2, 2023

Murni uummata Oromoo ajjeechaan sodaachisee osoo irratti hin ka’in akka bulaniif hojjechaa jiru, kaayyoo isaa galmaan ga’uuf qe’ee Oromoo cufa keessatti lubbuu ilmaan Oromoo akka baalaa harcaasaa jira.

Nagaa ni barbaanna, ajjeechaan haa dhaabbatuu fi badhaadhina jechuun miidiyaan irraa gurra kan nama dhukkubsu murni ajjeesaan PP dheengadda Ebla 30, 2023 godina baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa keessatti ilmaan Oromoo sadii badii tokko malee lubbuu isaanii dhabamsiisaniiru.

Ilmaan Oromoo waraana sirna nama nyaataa Dilbata darbe ajjeefaman kun aanaa Saasiggaa ganda Fayyinee Xaraaniyoo bakka addaa Sharee jedhamtu irraa obbolaa lama Daani’el Kabbadaa fi Alamaayyoo Kabbadaa akkasumas Guddataa Iddosaa mana gadi waamuun ajjeessan.

Ajjeechaa sukkanneessaa raawwatan malee onuma Saasiggaa ganda Odaa Guddinaa keessaa dargaggoo Ermiyaas Guddinaa jedhumu jalaa qabeenya qarshii 31,275 fi bilbila guddaa harkaan haxaa’an irraa dhuunfatanii jiru.

Murni faashistii kun erga maqaa araaraan jilli murna bilxiginnaa fi ABO-WBO wal argee iyyuu ilmaan Oromoo 30 ol ajjeesanii akka jiran gabaasa Oromiyaa bakkoota adda addaa irraa nu qaqqabuun hubachuun ni danda’ma. 

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading