• Sun. May 28th, 2023

Giddugala Oromiyaa, Kaaba Lixa Shaggar keessatti gootichi WBO kaadhimamtoota simatee leenjisaa ture eebbisiisuu beeksise

May 3, 2023

ONM-ABO Caamsaa 3, 2023

Waraanummaatti simachuun leenjisee dirqama bilisummaa sabaaf bobbaasuu jabeessee kan itti fufe gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo, torban darbe kana Zoonii Waraanaa Kaaba Lixa Shaggar mooraalee leenjii gara garaa keessatti miseensota haaraa simatee leenjisaa ture eebbisiisuu gabaasnee turuun keenya ni yaadatama. 

Ammas ittuma fufuun Zoonuma  Kaaba Lixa Shaggar keessatti kaadhimamtoota Waraana Bilisummaa Oromoo simachuun moonaa leenjii kan biraa keessatti yeroo dheeraaf leenjii waraanummaa fi siyaasaa kennaafii ture Caamsaa 2, 2023 bifa ho’aa ta’een eebbisiisuu beeksiseera.

Qondaalonni Waraana Bilisummaa Oromoo sirna eebbaa kana irratti argamuun, eebbifamtootaan baga gammaddan jechuun ergaa haala yeroo irratti qabanis dabarfatanii jiru.

Murni impaayerattii bulchaa jiru bilxiginnaan akkuma kanaan dura godhe uummata keenyas ta’e mootummoota addunyaa sobee, ammas maqaa araara sobaan uummata keenyas ta’e dippiloomaatota sobuun ittiin gargaarsaa irraa citanii turan argachuu fi hojii dippiloomaasii sobaa hojjetachuuf akka ta’e namuu quba qabaachuu qaba. 

Gama tokkoon araara odeessaa, gama biraatiin ammoo xiyyaaraa fi lafoon uummatichatti ibidda biifaa jira jechuudha. Bu’aa marii kanaa erga ibsaniin boodas Waraana guddaa uummaticha irratti banuufis qophii xumuratee jiraachuu argaa jirra jechuun, waraana keenyaan cinatti uummanni keenyallee aggaammii hamtuu kana ofirraa qolachuu qaba jechuun ergaa isaanii dabarfataniiru.
Waanti karaa kamiin deemu cufti dantaa Oromoo kan eegsisu qofa irratti waliigalama waan ta’eef, deebii hundaaf kan ta’u humna keenya cimsachuu irratti hojjechuu qabnas jedhaniiru.

Leenjisuu fi bobbaasuun  kan itti fufu ta’uu hubachuun uummanni keenya, keessattiyyuu dargaggeeyyiin gara moonaalee leenjii Waraana Bilisummaa Oromootti of gabaasuun leenjitanii roorroo saba keessan irraa qolachuuf of qopheessuu qabdus jedhaniiru.

Leave a Reply