ONM-ABO Caamsaa 6, 2023
Baatiilee darban irraa kaasuun godina addaa naannawaa Finfinnee bulchiinsa magaalaa Buraayyuu, Sulultaa fi Galaan dabalatee bakkeewwan hedduutti kaabinoonni dhiiga namaa xuuxuu baran manneen namoota hedduu diigaa kan turan yoo ta’u, ammas gochi kun jabaatee akka itti fufu jechuun marii isaanii Caamsaa 4, 2023 bulchiinsa magaalaa Buraayyuu keessatti ta’aan irratti dubbachuu isaanii hirmaataan walga’ichaa tokko yaada isaa nuuf qoodeera.
Walga’ii bulchiinsa magaalaa Buraayyuu kutaa mana qopheessaa keessatti kaabinoota sadarkaa olii hanga gaditti jiraniin geggeeffame irrati ijoon dubbii isaaniis diigumsi manneenii akka itti fufu, maqaa araaraan uummata afaan faajjessuu, kaabinoonni hojjettoota seektera keessanii miseensa hin guunne miseensa hin guuchistan taanan hojii irra akka geggeeffamtan kan jedhu yoo ta’u, kaabinoota afurtamii sagalis jijjiirraan achirraa kaasanii jirus jedhan.
Haala diigamiinsa manneen namootaa kana irratti gaaffiileen garaa garaa kaabinootaan abbootii waltajjiif kan dhihaate yemmuu ta’u, isin mana uummataa diigdanii uummanni eessatti haa galu? yoo uummataaf yaaddan ta’e kaffaltii barbaachisaa gaafachuun abbaa qabeenyummaa isaanii mirkaneessaafii, kun hin ta’u taanan hojii keessan dhiisna malee mana ilmaan hiyyeessaa hin diignu kan jedhan ta’uu fi wal dhibdeen jidduu isaaniitti uumamee jiraachuu maddi kun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himeera.
Kana malees barsiisota sadarkaa gadii jiran hunda irraa qarshiin dhibba shan shan akka irraa citus walga’icha irratti dubbatanii jirus jedhaniru. Yeroo ammaa uummanni lakkoofsaan kuma hedduutti lakkaa’aman manni isaanii irra diigamee bakkeetti aduu fi roobaan rakkachaa akka jiranis maddi kun dabaluun ibseera.