ONM-ABO Caamsaa 6, 2023
Gareen maafi’aa bilxiginnaa rakkoo nageenyaa Oromiyaa keessa jiru karaa nagaan fura jechuun, afaaniin araara labsaa, gama biraan ammoo waraana isaa hedduumina qabanii fi meeshaalee waraanaa gurguddaan deggeraman uummata nagaatti bobbaasuun ajjeechaa, hidhaa fi gocha badii hedduu raawwachaa jira.
waraanni kutaalee Oromiyaa mara keessatti bobba’aanii jiran kun, ilmaan Oromoo Oromummaan yakkee badii tokko malee ajjeesuu itti fufuun, godina lixa Wallaggaa ona Laaloo Assaabii ganda Kellayiitti dargaggoo maqaan isaa Waaqdhisaa Geetaanaa jedhamu daandii irratti rasaasaan rukutuun ajjeesan.
Jiraattotni ona Laaloo Assaabii ajjeechaa dargaggoo kana irratti raawwatame balaaleffachuun, dargaggoo Waaqdhisaa Geetanaa hawaasa naannoo isaa keessatti naamusaa fi jaalalaa qabaachuu isaa yoo dubbatan, hirmaannaa fi sosochii siyaasaa kamiyyuu akka hin qabnee fi hojii dhuunfaa isaa qofa akka geggeeffatus jiraattotni dargaggoo kana beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
