ONM-ABO Caamsaa 6, 2023
Afaan qawween ukkaamsee ummata Oromoo doorsisaa ani mootummaa keessani jedhee kan of waamu bilxiginnaan, lolaan waraana bilisummaa Oromoo dadhabee hawaasa afaan qawween walga’ii baasuun WBOn hiikkachaa waan jiruuf nu cina dhaabbadhaa jechuun olola sobaa afarsaa oolus uummatni yaadichi soba ta’uu itti himuun harkatti fashaleessaa jiru.
Haaluma kanaan godina baha Harargee magaalaa Awwadaay keessatti guyyoota lamaaf Kibxataa fi Roobii darbe uummata hojii isaa irraa qabuun walitti qabanii bu’aa tokko malee goyyoomsaa oolan.
Akka odeessi magaalaa Awwadaay irraa nu dhaqqabe addeessutti WBOn kaleessa nu loluuf ba’ee har’ammoo nu kadhatee hiikkadheen gala jechaa waan jiruuf nu waliin simattanii galchuu qabdu kanaaf of qopheessaa, jedhanii uummata burjaajessuuf yaalanis uummatni kijiba isaanii irratti baruun isin kaleessa yeroo gara aangootti dhuftan maqaa Oromootiin dhaadachaa waan turtaniif nutis dhuguma quuqama saba keenya qabdu seenee isin faana sirbaa harka walitti isinii rukutaa turre.
Isin garuu gaafa achi geessan galata warra isiniif jecha miidhamaa turee biyyoo nyaachistanii waraana nurratti labsitan, hidhaa fi ajjeechaa daran nurratti jabeessitan malee Oromoof bu’aa buustan hin qabdan soba keessan ni beekna kanaafuu nuti kanatti waadaa hin gallu jechuun karoora maafi’oota PP harkatti rukutan.
Warra kaabatti ergitanii ficcisiiftan ilmaan isaanii hiyyoomtee bakkeetti gatamtee jirtuuf maal buustan kanaafuu nurraa deemaa soba keessan hin feenu jechuun hawaasni naannichaa WBOn gaachana Oromiyaa ta’uu walga’icha irratti itti himuu maddeen arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

