ONM-ABO Caamsaa 6, 2023
Babal’achuu fi humnoomuu waraana bilisummaa Oromoo irraa kan ka’e murni bilxiginnaa, yaaddoo fi sodaa keessa galuun waraana isaa kutaalee Oromiyaa garaa garaa keessatti bobbaasuun uummaata nagaa irratti ajjeechaa suukkanneessaa raawwachuu dabalatee qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqisaa kan jiru ta’uu irra deddeebiin gabaasaa turre.
Oduuma kanaanis Jimaata Kaleessaa Caamsaa 5, 2023 godina kaaba Shaggar ona Jiddaa ganda Ilmoo Cuqqaalaa keessatti nama maqaan isaa Charuu Machii jedhamu waraanni shororkeessaan PP badii tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesan.
Ona Jiddaa keessatti ajjeechaa ilmaan Oromoo irratti raawwatamaa jiru malee gandoota onichaa hedduu keessatti uummata nagaa maqaa waraana bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabduu fi ni tumsitu jedhuun dararaa fi reebaa kan jiran yoo ta’u, uummanni naannichaa dararaa fi reebicha waraana bilxiginnaa dheessuun qe’ee fi qabeenya isaanii gadi dhiisanii bakka biraatti godaanaa jiraachuu maddeen Arraata biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
