ONM-ABO Caamsaa 9, 2023
Murni ajjeechaa lammiilee nagaa akka meeshaa waraanaatti fayyadamu bilxiginnaan loltoota isaa impaayerattii akka tiksaniif bobbaaseen ilmaan Oromoo akka baalaa harcaasuu itti fufee jira.
Haaluma kanaan godina Iluu Abbaa Boor aanaa Daarimuu ganda Beenaa 1ffa bakka Idilee jedhamtutti gocha suukkanneessaa warraanni mootummaa abbaa irree uummata irratti raawwatee jiraachuu jiraattootni dubbatu.
Dheengadda Caamsaa 7, 2023 uummanni hiriira ba’uun karaa nagaa miidhaa sirnichi hawaasa irraan ga’aa jiru yeroo dhageessifatanitti sababa sanaan tarkaanfii du’aa fi reebicha ulfataa irratti fudhataniiru.
Sababni hiriira sanaa, qabeenya keenyaa fi nama keenya saamuun nu irraa haa dhaabbatu kan jedhu yoo ta’u, kanumaan kan ka’e hiriira sana booda guyyaa kaleessaa Caamsaa 8, 2023 sa’a 8:00 irratti nama maqaan isaa Jihaadoo Kamaaluu Ayyaanaa jedhamu ajjeesan.
Ajjeechaa kana booda uummanni reeffa kaasee ganda Beenaa 1ffaatti guyyuma kaleessaa geessuun yoo awwalu, guyyuma sana nama maqaan isaa Heedar Asiiraar jedhamus rasaasaan madeessuun namoota hedduu irrattis reebicha raawwachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

