ONM-ABO Caamsaa 9, 2023
Bulchiinsi abbaa irree karaalee garaa garaatti fayyadamuun saamicha lafaa fi maallaqaatiin uummata Oromoo gidirsaa jiru bilxiginnaan gocha isaa hawaasa irratti hammeessaa jira.
Haaluma kanaan godina Lixa Harargee aanaa Odaa Bultumitti hospitaalli magaalaa Baddeessaa lafa isaaf kenname irra darbuun beenyaa tokko malee lafa naannoo isaatti argamu irraa manneen 34 buqqisuun uummata boochisaa jira.
Oduuma biraatiin ammoo aanichuma uummata magaalaa Burqaa irratti badii tokko malee maqaa Waraana Bilisummaa Oromootiin reebichaa fi hidhaa hammeessaa jiraachuu kan himan maddeen, caasaan nageenyaa bilxiginnaa dukkaana irra deemuun qarshii 6000 hangaa 10,000tti namoota irraa guuraa jiru.
Kana malees aanicha keessatti rakkoon geejjibaa hamaan isaan mudate akka jirus kan nuuf himan jiraattotni, daandiin konkolaatàa magaalaa Burqaa fi Baddeessaa jiddu jiru baay’ee ciccitee waan jiruuf daandii gabaabduu kiilomeetira 18 hin guunnetti qarshii 200 baasnee deemaa jirra jechuun saamichi hamaan karaa murna PP fi abbootii qabeenyaa isaan waliin hojjetaniin hawaasa irra ga’aa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

