ONM-ABO Caamsaa 9, 2023
Abiy Ahimed erga aangootti dhufee maqaa mootummaa Oromoo tiksuu jedhuun uummata afaan faajjessee ilmaan Oromoo lola isaan hin ilaallanne irratti akka lubbuu obba’aan taasisaa kan jiru yoo ta’u, ilmaan Oromoo akeeka dabaa bilxiginnaa hubatan ammoo qawwee fi hidhannoo isaanii waliin sirnicha ganuun gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachaa jiru.
Haaluma kanaan Caamsaa 6, 2023 miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii 2 godina Gujii lixaa aanaa Bulee Horaa mooraa ganda Haroo irraa isnaayipperii Turkii tokko, kilaashii turkii tokko raasaasa isnaayiperii 150, kan kilaashii turkii immoo 208 walumaagalatti rasaasa 258 waliin WBO tti harka kennatanii jiru.
Godina Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii mooraa waraanaa magaalaa Gidaamii irraa miseensonni raayyaa ittisa impaayerattii 2 qawwee AKM Turkii 1, dachaatuu 1, rasaasa 240, boombii 1 fi hidhannoo 2 waliin nagaan WBO bira ga’aniiru.
Sirna bilxiginnaa diigamaa jiru ganuun gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachuu kan itti fufan waraanni bilxiginnaa.
Caamsaa 8, 2023 godina baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa irraa miseensi raayyaa ittisa impaayerattii 1 mooraa waraanaa magaalaa Angar irraa qawwee fi hidhannoo guutuu waliin WBOtti harka kennatee jira.
Miseensotni waraana bilxiginnaa kun sirna dhiiga ilmaan Oromoo xuuxaa jiru tajaajilaa turuutti gaabbanii, warreen akka isaanii goyyoomfanii meeshaa diinaa baachaa jiran qawwee fi hidhannoo isaanii waliin WBOtti akka makaman waamicha dhiyeessanii jiru.


