• Sun. Jun 4th, 2023

Godina Baha Harargee aanaa Malkaa Bal’oo araddaa Makkanniisaa ganda Kattabee keessatti milishoonni PP uummatatti dhukaasuun shororkeessaa oolan 

May 9, 2023

ONM-ABO Caamsaa 9, 2023

Milishoonni Biltsiginnaa bu’aa xinnoon goyyoomfamuun aabba irreef ergamaa oolan, sirnicha da’oo godhachuun uummata keessaa dhalatan hiraarsaa, ajjeesaa akkasumas dhuganii machaa’uun gudeeddii shamarranii fi haadholii Oromoo irratti raawwachaa, sababa tokko malee dhukaasa banuunis uummata goolaa oolu.

Oduma kanaan wal qabatuun Caamsaa 7, 2023 godina Baha Harargee aanaa Malkaa Baldhoo araddaa Makkanniisaa ganda kattabee keessatti milishaan araddichaa Abduunaasir Abduuramaan Muummee jedhamuu fi waa’illan isaa dhuganii machaa’uun dhukaasanii uummata goolaa ooluu jiraattotni dubbatan.

Yeroo garaa garaatti irra deddeebiin namoota dhuunfatti akkasumas uummata hedduumina qaban irratti dhukaasuun shororkaa uumaa kan oolu milishaan Abduunaasir Abduuramaan jedhamu kun nama Abdallaa Abdullee jedhamutti xiyyeeffachuun kan dhukaase ta’us, namni itti dhukaafame kun hoggaa miliqus hawwaasa bal’aa irratti dabalataan dhukaasuun jeequmsa guddaa uumuu jiraattotni dabaluun himaniiru.

Leave a Reply