ONM-ABO Caamsaa 9, 2023
Lola kallattii garaagaraan impaayera Itoophiyaa irratti geggeeffamaa jiruun kasaaraa keessa kan gale murni bilxiginnaa, kufaatii dinagdee isa mudatee jiru jalaa dandamachuuf waraana isaa uummata nagaatti bobbaasee Oromiyaa bakkeewwan garaagaraa keessatti saamicha daangaa darbe geggeessaa jira.
Saamichaa fi manca’iinsi qabeenyaa Oromiyaa keessatti raawwatu itti fufuun, godina lixa Shaggar aanaa Jalduu bakka adda Gabaa Kamisaa jedhamutti dheengaddaa Caamsaa 7, 2023 waraanni faashistii Abiy Ahimed qabeenya uummata nagaa hedduu saamuu jiraattotni dubbatan.
Namoonni maqaan isaanii Ulfaataa Hirkoo, Gaaddisaa Baay’isaa fi Haacaaluu jedhaman warreen qabeenyi isaanii meeshaalee mana keessaa dabalatee guutummaa guutuutti saamaman ta’uu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Oduu wal fakkaatuun godina lixa Shaggar aanaa Cobii ganda Maksaa Lakkuu keessattis saamichi geggeeffameera.
Obbo Naggasaa Dabaree jalaa loon 5 Mul’ataa Ejjetaa loon 7, Mistuu Tolasaa jalaa qotiyyoo 1 fi obbo Galaanaa kan jedhaman jalaa qabeenya mana keessaa fudhachuu jiraattotni ona Cobii Arraata biyyoolessaa Oromiyaatti himaniiru.

