ONM-ABO Caamsaa 12, 2023
Ilaalcha uummata Oromoo dinagdeen dadhabsiisuu qabatee socho’aa kan jiru faashistiin PP afaan qawwee fayyadamuun qabeenya ilmaan hiyyeessaa barbaadu saamaa fi gariin gubuun lafa socho’an hundatti gocha dhala namaa naasisu, rakkoo fi gadadoof isaan saaxilu hojjachaa oolu.
Gocha fokkisaa qonnaan bultoota irratti xiyyeeffachuun dalagaa jiraniin lixa Shaggar aanaa Dandii ganda Daannisa Shoonnoo keessatti maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggarta jedhuun waraanni gandicha buufate jiru mana qonnaan bulaa obbo Gaaddisaa Caalaa jedhamu gaafa Caamsaa 9, 2023 hidhattootni garee maafi’aa PP kun barii barraaqaan sochii itti taasisuun isa manaa dhabanii mana isaa gubanii barbadeessan jedhu jiraattootni.
Akka jiraattootni kun jedhanitti waraanni bilxiginnaa kun qabeenya mana keessaa tokkollee osoo hin hambisin midhaan, uffata, mi’a mana keessaa wajjiin guutumman guutuutti gubanii kan barbadeessan ta’uu dubbachuun, karoorri isaaniis obbo Gaaddisaa Caalaa ajjeesuuf akka turee fi isa dhabnaan mana isaa gubuu dabaluun dubbatu.
Kana malees namoota ollaa isaa jiran hunda gadi waamuun namni Waraana Bilisummaa Oromoo deggaru hunduu akkana ta’a jechuun doorsiisaa turuu fi har’a ta’uu baatus boruu inuma dhufnee si ajjeefna jechuun itti dhaadatanii deemuun barameera.
