• Wed. Nov 25th, 2026

Godina baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa keessatti dararaan waraana bilxiginnaan uummata Oromoo irratti raawwatu hammaate 

May 12, 2023

ONM-ABO Caamsaa 12, 2023

Sirni impaayera bututaa barri irra darbe suphuuf yakkoota waraanaa adda addaa uummata nagaa irratti  raawwatu bilxiginnaan aanaalee Oromiyaa waraana keessa qubsiisan cufa keessatti hawaasa dararaa jira.

Godina baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa magaalaa Bareedaa keessatti waraanni faashistii Abiy Ahimed reebicha, saamichaa fi doorsisa geggeessuun dararaa hamtuu ilmaan Oromoo irraan ga’aa jiru.

Magaalattii keessatti nagaan ba’anii galuun kan ulfaate yoo ta’u, namoota bilbila harkaa qabatanii mana ba’aan waraana bilisummaa Oromoof bilbilaan odeessa laatta jechuun shakkanii qabuun reebichi isaan geggeessan torbee kana hammaateera.

Sabboontotaa fi dargaggoota magaalaa Bareedaa, Angarii fi bakkoota biroo mooraa waraana isaaniitti dhiyoo jiran isintu miseensota keenya baasee WBOtti geessaa jira jechuun qabanii doorsisaa fi miidhaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply