• Thu. Nov 26th, 2026

Waraanni bilxiginnaa godina Lixa Harargee aanaa Gammachiis keessa bifa addaan qubsiifamaa jiraachuun barame 

May 12, 2023

ONM-ABO Caamsaa 12, 2023

Murni faashistii PP lola Oromiyaa keessatti fedhii barcuma Abiy Ahimed tiksuuf geggeessu dhaabuu irra, ajjeechaa, saamicha, hidhaa fi buqqaatii hammeessuuf loltoota isaa bifa haaraan Oromiyaa mara keessatti bobbaasaa jira.

Haaluma kanaanis faashistichi Abiy Ahimed kaleessa Caamsaa 11, 2023 loltoota uummata isaanii irra sirnichaaf amanamoo ta’aan lixa Harargee aanaa Gammachiis keessa bifa haaraan qubachiisee jira.

Keessaayyuu aanaa Gammachiis naannoo Gaara Saphaallee, Soorgan fi Areeratti waraana isaanii buusuun uummata irratti dhukaasanii goolaa turan.

Naannoo waraanni bilxiginnaa kaleessa itti uummata goolaa ture kun aanaa Ciroo waliinis kan wal daangessu waan ta’eef hawaasni qarqara daangaa lamaanuu jiraatu deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti jedhamuun dararamaa akka jiran maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply