ONM-ABO Caamsaa 12, 2023
Mooraan waraana impaayera Itoophiyaa fi caasaan waraana isaa Oromiyaa keessaa diigamuu itti fufuun, ilmaan Oromoo hojii loltummaatiin sirnicha tajaajilaa jiran, gocha hammeenyaa fi dhiittaa mirga namoomaa murni bilxiginnaa uummata Oromoo irratti raawwatu balaaleffachuun, sirnicha gananii gooticha waraana bilisummaa Oromootti harka kennachuu itti fufanii Jiru.
Haaluma kanaan dheengadda Caamsaa 10, 2023 godina Kaaba Shaggar bulchiinsa magaalaa Fiichee irraa miseensi poolisii humna addaa Oromiyaa tokko mooraa poolisoota humna addaa Oromiyaa keessaa miliquun waraana bilisummaa Oromootti harka kennachuun beekameera.
Miseensi poolisii humna addaa Oromiyaa kun qawwee AKM tokko, hidhannoo tokkoo fi rasaasa 150 qabachuun gara mooraa waraana bilisummaa Oromoo dhufuun haala hoo’aan simatameera.
Yeroo itti hojii loltummaatiin sirnicha tajaajilaa turettis gocha hamaa uummata Oromoo irratti raawwateef uummata Oromoo bal’aa dhiifama gaafachuun, kana booda lubbuu isaa osoo hin qusatin, humnaa fi dandeettii qabuun qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti akka hirmaatu waadaa seenee jira



