• Sun. Jun 4th, 2023

Murni faashistii PP jiraattota godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyootiin qamadii kuntaala tokko fiddan malee xaa’oo hin fudhattan jechuun qonnaan bultoota rakkisaa jiraachuun dhagaa’ame

May 12, 2023

ONM-ABO Caamsaa 12,2023

Sirni nama nyaataan oolee bulee jiruuf jireenya uummata Oromoo mancaasuu fi qaala’iinsa jireenyaa itti hammeessee doorsisaa akkasumas afaan qawween bitee bulchuu barbaadu bilxiginnaan kan waraana isaa qe’ee ilmaan Oromootti bobbaasee dhiiga ilmaan hiyyeessaa lolaasaa ooluun alatti uummata ofiifuu rakkatee jiraatu qawween doorsisee midhaan irraa saamaa jira.

Akka waan nageenya lammiilee  tasgabbeessee uummata nagaan bulchaa fi misooma saffisiisaa jiruutti umrii aangoo isaa dheerafachuuf miidiyaalee hawaasaa garaagaraatti dhimma ba’uun uummanni biyya keenyaa midhaan nyaataan of danda’eeraa nuti kana booda qamadii oomishnee biyyoota alaaf dhiyeessina jechuun addunyaa fi uummata impaayerattii goyyoomsaa kan ture murni maafi’aa PP haasawwaa isaa dhugoomfachuuf uummata qaala’iinsa jireenyaa hamaan hiraarfamaa jiruun qamadii kuntaala 1 tokko yoo fiddan malee xaa’oo argachuu  hin dandeessan jechuun  rakkoo beelaaf hawaasa saaxilaa jira.

Haaluma kanaan godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyootti qonnaan bultoonni gandoota sanaa cufti maallaqa ittiin xaa’oo bitatan fudhatanii waajjira qonnaa aanichaa bulchiinsa magaalaa Dambii Dollootti argamu deemuun xaa’oo bitachuu dhufne jedhanii hooggantoota waajjirichaa yeroo gaafatan, nama qamadii kuntaala tokko fidetu fudhata, kana malee eenyuufuu hin laannu jechuun ifannaa fi doorsisa jabaa irraan ga’uun qonnaan bultoota sana achii ari’an.

Sana booda hawaasni aanichaa kanaan dura maallaquma keenyaan bitannee itti gargaaramna ammammoo saamicha waraana keessaniifuu baanee daldalachuu hin dandeenyu kan caasaa asii achi nyaachisnu dhiisaati ijoollee keenyayyuu waan itti guddifannu hin qabnu yoo laattan maallaqa fidnee dhufneen nuuf kennaa malee qamadii arfaasaa kanaan lafa fuunee finnu hin qabnu jechuun gaafatanis namoota gaaffii kana kaasan hunda mana hidhaatti naquun rakkisaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Murni faashistii PP Kibbaa fi kibba baha Oromiyaa hongeen rukutamuun beelaaf yeroo saaxilamanitti qamadii alatti erginaan qonnaan bultoota irraa dirqiin bitaa kan turan yoo ta’u, xumura baatii Ebla keessa ammoo koloneel Abiy Ahimed Sudaaniif qamadii kuntaala 50,000 ergina jechuun kan yaadatamu yoo ta’u, haalli siyaasa fakkeessii sirnichi geggeessaa jiru lammiilee impaayerattiif balaa hamaa ta’uu beektotni ni dubbatu.

Leave a Reply