ONM-ABO Caamsaa 12, 2023
Hiraarri murni faashistii Itoophiyaa uummata Oromoo irratti gaggeessaa jiru, bifa jijijjiirrachaa, yeroo irraa gara yerootti dabalaa kan jiru hoggaa ta’u, uggurri dinagdee fi tajaajilli hawaasummaa yaada sochii WBO laaffisuu jedhu of keessaa qabu golee Oromiyaa hedduu keessatti uummata irratti geggeeffamaa jira.
Haaluma kanaanis godina Booranaa aanaa Moyyaalee keessatti uummatni tajaajila mana baankii dhorkamuun waggaa tokkoo oliif rakkoo keessa jiraachuu maddeen kan dubbatan yoo ta’u, tarkaanfiin kunis maqaa WBOtu qarshii bakkaa bakkatti sochoosaa jira akkasumas qarshiin baay’ina qabu kan WBOti jedhuun uummata irraa fudhatamaa jiraachuu ibsuun, daldaltoota hedduu jalaas maqaa kanaan maallaqni ugguramee kan jiru ta’uus eeran.
Aanaa Moyyaalee keessatti qarshii guddaa karaa mana baankiitiin namaaf erguunis ta’e, fudhachuun waan hin danda’amneef, jiraattotni qarshii waliif dabarsuuf osoo manni baankii jiruu geejjiba koranii lafa dheeraa deemuun qarshii kan waliif kennaa jiran ta’uu kan gabaasan maddeen, dhiibbaa Biltsiginnaan uummata irraan ga’aa jiruun hojjetatanii buluun aanicha keessatti rakkoo ta’aa dhufuus dubbataniiru.

