ONM-ABO Caamsaa 12, 2023
Ilmaan keessantu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jiraa fi Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabdu jechuun sabboontotaa fi maatii qabsaa’otaa ajjeesuu, hidhuu akkasumallee manaa fi qabeenya jalaa barbadeessuun miidhaa gurguddaa waraanni murna bilxiginnaa uummata Oromoo irraan ga’aa turaniiru.
Haaluma kanaan ilma keetu miseensa Waraana Bilisummaa Oromooti jechuun waggaa lamaan dura Sadaasa 17, 2020 manaa fi qabeenyaa isaa jalaa barbadeessanii kan turan Obbo Imaanaa Waaqwayyaa, waggoota lamaan darban kana haala ulfaataa ta’een dabarsuu isaanii maddeen keenya gabaasaniiru.
Obbo Imaanaan abbaa ijoollee 8 yoo ta’an ilma keessantu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira jedhamuun manaa fi qabeenyaan isaa guutummaatti erga barbadaa’ee jalqabee maatiin isaa faca’uun, dararamaa turuunis beekamee jira.
Jiraataa godina Wallagga Lixaa Aanaa Jaarsoo ganda Hidhaabuu Dhaga’aa kan ta’aan obbo Imaanaan, bara kana namni dhuunfaa mana itti maatii isaa deebisee walitti qabatu ijaaraafii jiraachuu maddeen keenya Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.




