ONM-ABO Caamsaa 12, 2023
Dachee abbaa isaa Oromiyaa keessatti uummanni Oromoo mirga lubbuun jiraachuu dhabuun farra jiraachuu Oromoo kan ta’an waraana kolonel Abiy Ahimadii fi warreen Abiy Ahimediin tumsamaa jiran finxaaleyyii Amaaràan gochooti suukkanneessoo dhala namaaf hin malle Oromoo irratti raawwatamaa jira.
Haaluma kanaan godina Baha Wallaggaa aanaa Giddaa Ayyaanaa magaalaa Angar bakka addaa Waldaa Guutuu Wangeelaa jedhamutti Caamsaa 9, 2023 nama maqaan isaa obbo Raggaasaa Galataa jedhamu finxaaleeyyonni Amaaràa Faannoo jedhaman haala sukanneessaan qalanii ajjeesuun laga keessatti gatanii deemuu jiraattonni dubbatan.
Hawaasni naannichaa hordoffii godheen reeffa nama kanaa laga keessa arguun awwaalan.
Murni afaaniin akka waan nageenya barbaaduutti araara faarsaa yeroo gara yerootti ilmaan Oromoo ajjeesee bineensa sooraa oolu bilxiginnaan gochoota gara jabeenyaa ilmaan Oromoo irratti hammeessaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.


