• Sun. Jun 4th, 2023

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Gannatiitti waraannii fi kaabinootni bilxiginnaa qonnaan bultoota hedduu humnaan qabuun leenjii milishummaatiif qopheessaa jiraachuun barame 

May 15, 2023

ONM-ABO Caamsaa 15, 2023

Lola kutaalee Oromiyaa keessatti waraana bilisummaa Oromoo fi waraana impaayera Itoophiyaa gidduutti geggeeffamaa jiru irratti caasaan loltoota sirnichaa milishoota dabalatee hedduun du’uu fi qaamaa midhamuun gaaga’aamni guddaan dhaabicha waan mudateef, humna haaraa milishaa fi waraanatti leenjisuuf humnaan qabuun leenjiif qopheessuu itti fufee jira.

Haaluma kanaan waraanni faashistii Abiy Ahimed kan godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa  Gannatii keessa qubsiifamanii jiran, gara ganda Guddattuu Gannatiitti bobba’uun qonnaan bultoota baay’inni isaanii 105 ol ta’aan jiruu dhuunfaa fi ooyiruu isaanii keessaa maqaa leenjii milishummaa jedhuun humnaan qabuun gara magaalaa Haratoo bakka addaa mooraa Chaayinaa jedhamutti walitti qabuun dararaa turuu jiraattotni himatu.

Qonnaan bultootni leenjii milishummaa akka fudhataniif qabanii jiran keessaa kan maqaa argannee Lammeessaa Hinsarmuu, Misgaanaa Dabalaa, Habtaamuu Dabaloo, Dirribaa Daaleessaa,Tasfaayee Oljirraa,Tasammaa Nagaasaa, Nugusaa Baqqalaa, Zarihuun Alamaayyoo, Humnaa Waggaarrii, Alambarraa Asaffaa,Tasfaayee Gurmeessaa, Garramuu Zagayyuu, Baabbee, Aduulaa, Gammadaa Hambisaa, Qumullee Masarat, Darrasaa Dassaalee, Dassaalee Taayyee, Katamaa Xilahuun, Asaffaa Abarraa fi qonnaa bultoota hedduu qabuun maatii fi daa’imman jireenya gadadoo keessatti kuffisanii jiru.

Kaayyoon isaan milishoota kanaaf leenjii kennuuf qopha’aa jiran caasaa sirnichaa onicha keessaa diigame deebisanii ijaaruuf akka ta’e kan ibsan maddeen, aanicha keessatti ilmoon dhiiraa akka bara Dargiitti humnaan qabamanii sirnicha akka tajaajilaniif qopheeffamaa waan jiraniif dargaggootni maatii isaanii dhiisanii baqachaa jiraachuun barameera.

Leave a Reply