• Sun. Jun 4th, 2023

Waraanni faashistii PP godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu keessatti shamarree Oromoo tokko gareen gudeeduun barame 

May 15, 2023

ONM-ABO Caamsaa 15, 2023

Ilmaan Oromoo qe’ee abbaa isaanii irratti yakki waraanaa irratti raawwatamuun kan jabaate erga Abiy Ahimed bu’aa warraaqsa Oromoo butuun aangootti dhufee kaaseti. Dhittaan mirga namoomaa, lubbuun darbuu, hidhamuu, qe’ee irraa buqqa’uu fi gudeeddiin jireenya uummatichaa irratti godaannisa hin irraanfatamne uumaa jira.

Haala kanaanis Kibxata darbe Caamsaa 9, 2023 godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu ganda Dangii keessatti barattuu Saaraa Tasgaraa jedhamtu waraanni faashistii PP sadii dirqiin qabanii gudeedan.

Barattuun sadiin itti wal jijjiiranii gudeedan kun barattuu kutaa 10ffaa mana barumsaa Waankii irraa barachaa jirtu yoo taatu, guyyaa 2 waan of bira bulchaniif rakkoo fayyaa irra ga’eenis hospitaala Mandiitti yaalamaa turtee fayyuu dadhabuun du’aaf jireenya gidduu jiraachuun ishee barame.

Waraanni faashistii PP bakka socho’an cufatti shammarran Oromoo dirqiin gudeedaa fi warreen abbaa warraa qabanitti sagaagaluun gaa’ila namoota hedduu diigaa akka jiran ni beekama.

Leave a Reply