ONM-ABO Caamsaa 15, 2023
Garaagarummaa fi wal dhibdeen mooraa waraana bilxiginnaa keessa jiru babal’achaa deemuun miseensonni raayyaa ittisa impaayera Itoophiyaa walitti dhukaasuun lubbuu Wal baasuu fi mooraa sirnichaa keessaa miliquun waraana bilisummaa Oromootti harka kennachuu itti fufanii jiru.
Dheengadda halkan Caamsaa 13, 2023 godina baha Wallaggaa aanaa Diggaa irraa miseensi waraana raayyaa ittisa impaayera Itoophiyaa tokko mooricha keessatti dhukaasa banuun loltoota sirnicha irraa ajjeesuu fi hedduu madoo erga taasiseen booda meeshaa fi hidhannoo isaa fudhatee gara gooticha waraana bilisummaa Oromootti dabalamee jira.
Miseensi raayyaa ittisa impaayera Itoophiyaa waraana bilisummaa Oromootti harka kennate kun qawwee AKM tokko, hidhannoo tokko, boombii harkaa lamaa fi rasaasa 250 galii gochuun mooraa waraana bilisummaa Oromoo ittiin gabbiseera.
Akka miseensi kun jedhutti sababni wal dhibdee isaanii ammatti ifa ta’uu baatus arrabsoon sanyummaa fi ilmaan Oromoo hojii loltummaatiin sirnicha tajaajila jiran tuffachuu akkasumas moggeessuun mooraa waraana raayyaa ittisa impaayera Itoophiyaa keessatti rakkoo guddaa uumaa jiraachuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himeera.

