ONM-ABO Caamsaa 15, 2023
Dhaabbatni waraanaa impaayerattii aangoo Abiy Ahimediin akka tiksuuf bifa haaraan ijaaramee uummata isaa loluutti bobbaafame, akeeka sirnichi lammiilee nagaa ajjeesuuf qabatee socho’aa jiru mormuun gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachuu itti fufanii jiru.
Ilmaan Oromoo hojii loltummaatiin barcuma Abiy Ahimed akka eeganiif humnaa fi goyyoomsaan leenjii fudhatanii bobbaafaman kun godina Gujii Lixaa aanaa Bulee Horaa ganda Kallacha Hachee irraa 4 ta’uun har’a ganama Caamsaa 15, 2023 gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennatanii jiru.
Loltoota bilxiginnaa gara WBO dhufan keessaa sadii qawwee Turkii 2, dachaatuu tokko, boombii 2, rasaasa 600 fi hidhannoo 3 qabatanii kan dhufan yoo ta’u, miseensi tokko mooraa isaaniitti dhukkubsachuun si ajjeesna waan jedhaniif gara WBOtti lubbuu isaa baafachuun barameera.
Miseensotni waraana bilxiginnaa kunneen akka jedhanitti sirnichi baay’ina waraanaa fi meeshaalee gurguddaa bobbaasuu qofa malee keessoon isaa waliigaltee dhabuun diigamaa jiraachuu ibsuun, warreen gaaffii mirgaa kaasan ajjeesanii gataa jiraachuu dubbataniiru.
Kanaafis jedhan miseensotni kunneen, ilmaan Oromoo meeshaa diinaa baachuun badii seenaan hin dagannee hojjechaa jirtan gochi keessan duraa ni ga’a jechuun, ammaa irraa kaastanii qawwee fi hidhannoo keessan waliin gara Waraana Bilisummaa Oromootti akka dabalamtan jechuun dhaamsa dabarsaniiru.



