• Thu. Apr 25th, 2024

Godina kibba lixa Shaggar aanaa Wancii keessatti kaabinoonnii fi waraanni garee maafi’aa PP maqaa gibiraan namoota irraa maallaqa 3000 ol yoo saaman, halkan mana nama dhuunfaa bansiisuun saamichaa fi gudeeddii rawwachaa jiru

May 17, 2023

ONM-ABO Caamsaa 17, 2023

Saamichi daangaa hin qabne uummata Oromoo irratti kaabinootaa fi waraana koloneel Abiy Ahimediin geggeeffamu daran hammaachuun jiraattota irratti yaaddoo guddaa uumee jira.

Kasaaraa dinagdee lola hin barbaachifne impaayerattii keessatti geggeeffamaa turee fi geggeefamaa jiruun isaan mudate akkasumas waraana humnaa ol leenjisuun waanti kafalamuuf dhabamuun, booda irra bakka kufanii ittiin ka’uuf tooftaa saamichaa baafachuun ittiin hawaasa Oromoo gidirsaa jiru.

Saamichi kun Oromiyaa iddoowwan adda addaatti kan itti fufee jiru yoo ta’u, kibba lixa Shaggar aanaa Wancii ganda Margaa Abbayii keessatti kaabinoonni fi waraanni kolonel Abiy Ahimed qawwee of fuuldura qabuun namoota gandichaa hunda irraa maqaa gibira kafalaa jedhuun qarshii kuma sadi sadii humnaan irraa funaanaa jiru.

Kana malees aanaa Wancii keessatti waraanni sirnichaa halkan halkan balbala namoota dhuunfaa bansiisuun yakka gudeeddii fi saamicha maallaqaa geggeessaa kan jiran ta’uunis himameeera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading