ONM-ABO Caamsaa 17, 2023
Dhaabbatni waraana bilxiginnaa Itoophiyaa itti fufsiisuu fi Abiy Ahimediin aangoo irratti tiksuuf ijaarame warreen impaayerattii akkasumas koloneel Abiy Ahmediif yaaddoo ta’u jedhan uummata Oromoo ajjeesuu irratti bobbaasisanis ilmaan Oromoo sirnicha keessa jiran akeeka dabaa kana mormuun sirnicha ganuu gara WBO dhufaa fi mariitti galanii hojii dhuunfaa isaanii hojjechuu itti fufanii jiru.
Haala kanaanis miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii shan kanneen adeemsa badii sirna PP jibbuun qabsoo saba isaanii flatan 3 mooraa waraana godina Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii magaalaa Qellem irraa Lixa Wallaggaa aanaa Begii ganda Gara Kormaatti harka kennatanii jiru.
Loltootni lama ammoo mooraa aanaa Qondaalaa keessaa ganuun gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennatanii jiru.
Loltootni kunneen qawwee AKM Turkii 3, dachaatuu 2, boomnii 4, rasaasa 659 fi hidhannoo shan mooraa diinaa keessaa baasuun mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo ittiin gabbisaniiru.
Oduun biraatiin ammoo murni erga aangootti dhufee uummata nagaa irratti lola labsuu hojii godhatee kaleessa Caamsaa 16, 2023 loltoota konkolaataa adda addaa 30 ta’u aanaa Anfilloo magaalaa Muggii dabalataan qubsiisee jiraachuu maddeen uummatni magaalaa fi baadiyaa aanichaa saamtota kana irraa akka of eegan sabboontotni dhaamaniiru.
Waraanni PP godina lixa Harargee aanaa Doobbaa keessatti WBOf nyaata laattan jechuun maatii tokko guutummaatti yoo hidhan, aanaa Gammachiisitti ammoo ba’aa WBO sakatta’aa jechuun uummata hiraarsaa jiru.



