ONM-ABO Caamsaa 17, 2023
Biltsiginnaan akeeka Oromoo fi Oromiyaaf hin taane, imaammata impaayera Itoophiyaa suphuu harkaa qabu galmaan ga’uuf, Oromiyaa bakkoota hundatti daa’immanii hanga maanguddootaatti hiree namoota hedduu mana hidhaa gochuun hiraarsaa jiraachuun ni beekama.
Haaluma kanaan torbee darbe godina Lixa Harargee aanaa Doobbaa ganda Calloo araddaa Ifaa keessatti waraanni garboomfataa PP waraana bilisummaa Oromoo qallabdu jechuun maatii tokko guutuu hidhanii hanga ammaatti hiraarsaa jiraachuun kan jiran yoo ta’u, maqaan namoota maaticha keessaa qabamaniis abbaa warraa obbo Ibraahim Dasii, ilmaan isaa Jamaal Ibraahim fi Lalisaa Ibiraahim akkasumas haadha warraa isaa Haashaa Ibraahim kanneen jedhaman miseensa maatii tokkoo waajjira poolisi aanaa Doobbaatti rakkisaa jiraachuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Oduu biraatiin ammoo godinuma Lixa Harargee aanaa Gammachiis araddaa 6 keessaa Caamsaa 13, 2023 jalqabuun uummata harka duwwaa dirqiin qabuun ba’aatii Waraana Bilisummaa Oromoo sakatta’aa jechuun dararaa jiraachuu Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa odeeffateera.

