• Sun. Jun 4th, 2023

WBOn tarkaanfii godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaalee 2 irratti fudhachaa tureen aanaa Daduus dhuunfachuu beeksise!

May 17, 2023

ONM-ABO Caamsaa 17, 2023

Abdii fi gaaddisni saba Oromoo WBOn haleellaa ganama har’aa Caamsaa 17, 2023 godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Kombolchaa fi Daduu irratti fudhachaa tureen aanaa Kombolchaa sa’a laaqanaa gaditti yoo dhuunfatu Daduu keessatti lolli itti fufee ture.

Korommiiwwan ilmaan aayyaa abidda isaa jabinaan loltoota Abiy Ahimed magaalaa Daduu maadheeffachuun WBO dura dhaabbachuuf carraaqanitti gabbisuun toora sa’a 9:00tti mooraa cufa keessaa du’a, madoo fi boojuu irraa kan hafte kotte na baasiin baateetti.

Aanaa Daduu keessattis bireena, isnaayippera, boombii, qawwee AKM hedduu fi uffatni waraanaa irraa hiikamuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii yoo ta’u, hidhamtootni siyaasaa 115 ta’an buufata poolisii fi mooraa waraanaa keessaa irree gooticha Waraana Bilisummaa Oromoon bilisa ba’anii jiru.

Lola malee tola hin dhuftu
Bilisummaan saba kiyyaa
Jabaadhu kaa yaa lammii koo
Si’i bar abbaan biyyaa!

Injifannoon Uummata Oromoof!

Leave a Reply