• Sun. Oct 1st, 2023

Lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa keessatti waraanni PP dargaggoota hedduu yeroo dheeraaf hidhee hiraarsaa Jira

May 20, 2023

ONM-ABO Caamsaa 20, 2023

Waggoottan Shanan darban impaayera itoophiyaa keessatti gochootni farra dhala namaa biltsiginnaan raawwatamaa turan, kaleessarra tarkaanfachuun hardhas itti fufuun yaaddoo fi dukkana ulfaataa uummatni Oromoo ittiin miidhamaa jiru ta’uu danda’eera.

Hidhaan Oromiyaa keessatti PPn amaleeffatamte jabaachuun lixa Oromiyaa aanaa Qondaalaatti Dargaggoon Habtaamuu Haaayiluu jedhamu baatii lamaan dura naannoo Liqixii bakka addaa Higgii jedhamtutti qabamuun mooraa waraana PP magaalaa qondaalaatti hiraarfamaa eega tureen booda achi buuteen dhabamuu maddeen himan.

Oduuma walfakkaatuun aanuma Qondaalaa magaalaa Liqixii keessatti dargaggoo Yaasin Daagim jedhamu WBOdhaaf odeeffannoo funaanuu dhufte jechuun qabanii baatii tokkoo ol hidhuun, mooraa PP magaalaa qondaalaa keessatti namoota hedduu waliin hiraarsaa jiraachuu kan gabaasan maddeen lixa Wallaggaa aanaa qondaalaa dabalatee aanota hedduu keessatti hidhaa, ajjeechaa fi saamichi hammaachuun uummatni gidiraa ulfaataa keessa jiraachuu dubbatan.

Leave a Reply