• Sun. Jan 11th, 2026

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii kibbaa Godina Gujii Lixaa keessatti tarkaanfii laalessaa diina Irratti fudhateen beeksise

May 21, 2023

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii kibbaa Godina Gujii Lixaa keessatti tarkaanfii laalessaa diina Irratti fudhateen loltoota diinaa 278  ajjeessuun 300 ol madeessuu beeksise.

Onnataan Onnee sibiilaa, Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo afaan faajjii araara sobaa Shiftaa PPtiin sobamuu diduun lola qolannaa duula waraana PP irratti fudhachuu jabeessee itti fufee jira.

Haaluma Kanaan Kaleessa Caamsaa 20, 2023 gootichii Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii kibbaa Godina Gujii lixaa Keessa socho’u duulaa qindaa’aa Mootummaan Faashistii Uummata Oromoo irratti bane burkuteessee qolatee jira.

Lola kaleessa ganama Aanaa Bulee Horaa ganda Gaalee magaadaa, baddaa Magaadaa bakka  mixee jedhamuutti sa’a 12 :00 eegalee hanga waaree Sa’a 7:00 geggeefameen, loltoota diina ajajoota dhibbaa namoota lama (2) kanneen maqaan isaanii Firaa’ol Guddisaa Dhugumaa fi Iggezuu Baarii Xaaffaxaa Kan dhalootan Kibba Goondar ta’e dabalatee namoota 28 battalaatti yoo ajjeessu, 30 madeessee jira.

Madoolee mada’aan Keessa 27 kaleessuma hospital Hawaasatti dabarsuu maddeen keenya ifoomsaniiru.

Lollii Kun marsaa lammaffaaf waaree  booda humna birmannaafi meeshalee gurguddaan dabaalamee dhufeen, achumaatti itti fufuun hanga halkan Sa’a 1:00 kan itti fufe yoo ta’uu, humni marsaa lammaffaa dhufe guutumaatti dhabamuun 250 ol kan ajjeefaman yoo ta’uu 170 madeessuun injifannoo boonsaa galmeessee jira.

Har’as ganama reeffafi Madoo ishee baafachuuf meeshalee guggurdaa Kan dhukaasaa turte yoo ta’u reeffi Isaanii 150 magaalaa Bulee Horaa dhaqabuu maddeen keenya himaniiru.

Gama meeshaatiin qawwee AKM heedduu, meeshalee lolaa heedduufi hidhannoo waraanaa irraa booji’uun dantaa qabsoof oolchee jira. PPn lola kanaan injifatamuun akka Godina Gujii Lixaatti keessaayyuu naannoo lolli kun itti gaggeeffamaa ture irraa networ balleessuun injifatamuu isaa dhoksuu yaalaa tureera.

Lolli kun hanga gabaasni kun qindaa’eetti itti fufee waan jiruuf, dhuma isaa jala buunee kan isin biraan geenyu ta’a.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading