• Wed. Nov 25th, 2026

Oduu Gaddaa – Barsiisonni Yuunvarsiitii Madda Walaabuu Barsiisan gara Shaashamannee imalaa otoo jiranii balaa konkolaataa mudateen lubbuun barsiisota heedduu darbuun dhaga’ame

May 21, 2023

ONM ABO, Caamsaa 20, 2023

Balaa Konkolaataa Kibba Oromiyaa bakka Holqa Sabsibee jedhamutti mudateen barsiisonni Yuunvarsiitii barsiisan hojiif gara magaalaa Shaashamanneetti imalaa turan lubbuun darbuu yeroo dhageenyetti gadda guddaatu nutti dhaga’ame.

Barsiisonni madda qaroominaati. Barsiisonni, qabsoo Oromoo belbelchuu qofa otoo hin taane qabsaa’ota dhalchuufi qaruun qabsoo Oromoo keessaa shoora hin lakkaa’amne qabu. Barsiisonni keenya Baalee irraa ka’uun gara Magaalaa Shaashamannee imalaa turan balaa Konkolaataa mudateen lubbuun namoota 20 darbee jira.

Arraatni Biyyoolessa Oromiyaas gadda guddaa itti dhaga’ame ibsataa, maatiifi firoota akkasumallee Uummata Oromoo bal’aaf jajjabina hawwina.

Leave a Reply