• Sun. May 28th, 2023

Godina Harargee bahaa aanaa Dadarii fi aanaa Maayyaa keessatti waraanni sirnichaa saamicha gaggeessaa kan jiran yoo ta’u, dargaggoota gara waraanaatti erguufis dirqamsiisaa  jiraachuun barame

May 22, 2023

ONM-ABO Caamsaa 22, 2023

Murni teessuma aangoo impaayerattii akka tiksaniif ilmaan Oromoo dantaan gowwoomsuu fi dirqiin ukkaamsuun leenjiif  Dirree waraanaatti ergaa ture Biltsiginnaan, gochicha itti fufuun dargaggoota leenjii waraanummaaf adamsaa jiraachuun ni beekama.  

Haaluma kanaan dheengadda Caamsaa 19, 2023 irraa eegaluun Godina baha Harargee aanaa Dadar Magaalaa Qobboo keessatti waraanni fi milishoonni magaalaa qobboo guyyaa sadiif leenjii haaromsaa erga fudhataniin booda sakatta’iinsa WBO goona maqaa jedhuun gandeenii fi Araddaa baadiyyichaa keessa gulufuun hanga halkan keessaa sa’aatii 8:00tti dukkana da’eeffachuun manneen namootaa bansiisuun gariin ammoo cabsanii seenuun, maallaqa argatan saamanii deemuun dhumarrattis WBOtu as keessa jiraa baasa jechuun gocha isaanii dhoksuuf yaalaa jiraachuu jiraattotni dubbatu.

Oduu biraatin ammoo Harargee  bahaa aanaa Maayyaa magaalaa Awwadaayii keessatti dargaggoota walgayii baasuun kana booda hojii isiniif uumna jechuun sobaan gowwoomsanii gariin gara mooraa leenjiitti erguu fi tika godhee bobbaasuuf yaalus, dargaggoonni kun irratti baruun yaadicha fashaleessanii jiraachuu maddeen keenya aanaa maayyaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ifoomsanii jiru.

Leave a Reply