• Sun. Jun 4th, 2023

Oromiyaa bakkoota garaagaraatti waraanni PP sakatta’iinsa bilbila dargaggootaa irratti taasisuun hidhaa fi reebicha hammeessan

May 22, 2023

ONM-ABO Caamsaa 22, 2023

Deggertootaafi mararfattoota qabsichaa, akkasumas maatii qabsaa’otaa hidhuu fi reebuu, qabeenya jalaa barbadeessuun qorqalbii isaanii miidhuu irratti hojjetaa kan jiru PPn, Magaalaalee Oromiyaa hedduu keessatti imala irratti sakatta’iinsa gochuun dargaggoota bilbila isaanii keessatti suuraan WBO, akkasumas alaabaan argame reebuufi hidhuun hiraarsaa jiraachuu maddeen keenya himan.

Haaluma kanaan Godina Addaa Naannawwaa Finfinnee Magaalaa Buraayyuu keessatti bakkoota dargaggoonni itti dabarsan kanneen akka mana bashannanaafi manneen nyaataa akkasumas konkolaataa keessaa buusuun, bilbila bansiisanii sakatta’uun dargaggoota mana hidhaatti darbataa jiru.

Oduuma wal fakkaatuun Godina harargee bahaa aanaa Gooroo Guutuu keessatti qaamonni mootummaa Magaalittii keessa socho’uudhaan Qeerroo magaalittii keessatti argan qabuun bilbila irraa guuranii sakatta’uun Alaabaa WBO qabdan jechuudhaan tumuufi hidhaatti guuraa turaniiru.

Kaabinoonni aanichaas milishoota magaalittii keessa bobbaasuudhaan milishoonni namoota nagaa jireenya mataa isaanii jiraatan, ati WBOn hariiroo qabda jechuun reebicha hamaa gaggeessaa turuu maddeen keenya Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply