• Sun. May 28th, 2023

Hidhattootni naannoo Beenishaangul Gumuz godina baha Wallaggaa aanaa Saassiggaa keessatti saamicha geggeessuun, namoota lama madeessuun himame

May 23, 2023

ONM-ABO Caamsaa 23, 2023

Hidhattootni naannoo Beenishaangul Gumuz yeroo garaagaraatti daangaa Oromiyaa qaxxaamuruun uummata Oromoo qarqara daangaa naannichaa jiraatan irratti haleellaa raawwachuun saamichaa fi mancaatii qabeenyaa uumaa jiru.

Hidhattootni kunneen murna aangoo impaayerattii of harkaa qabuun tumsamuun uummata Oromoo irratti miidhaa raawwachuu itti fufuun, godina baha Wallaggaa aanaa Saassiggaa ganda Baloo 6ffaa jedhamu keessatti namoota nagaa maqaan isaanii Baacaa Goobanaa abbaa daa’ima lamaa fi Tsaggaayee Dureessoo abbaa daa’imaa 8 ta’e rasaasaan rukutuun madeessanii yeroo ammaa yaalamaa jiraachuu fi haalli fayyummaa Isaaniis yaaddessaa ta’uun himame.

Kana malees hidhattootni Kun aanaa Saassiggaa ganda Baloo 6ffaa kana keessaa loon uummataa 115 ol offaachuu fi qabeenya hedduu mancaasanii deemuu jiraattotni dubbatan.

Hidhattootni naannoo Beenishaangul Gumuz Kunneen aanota godina Matakkalii fi aanota godinaalee lixa Oromiyaa hedduu keessatti miidhaa uummata Oromoo daangaa naannichaa jiraatan irraan ga’aa jiraachuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf gabaasan.

Leave a Reply