ONM-ABO Caamsaa 23, 2023
Loltoonni mooraa waraana impaayerattii keessatti, faayidaan gowwoomfamuun akkasumas haalota adda addaan dirqisiifamuun meeshaa diinaa baachaa jiran, ajaja itti kennamu dirqiin fudhachuun saba isaanii akka ajjeesan, saamanii fi uummaticha cunqursuun garbummaa jalatti akka jilbeenfachiisan gochuu kan barbaadu bilxiginnaan, lola waraanni bilisummaa Oromoo geggeessaa jiru humna isaanii ol ta’uun, kanneen ajaja shiraa fudhachuu diduun lolichi humna keenyaan oli itti hin deemnu jedhan ajjeesaa jiraachuun beekame.
Haaluma kanaan Caamsaa 17, 2023 irraa eegaluun Gootichi waraana bilisummaa Oromoo, lola jabaa mooraa diinaa buqqisuu geggeessaa jiruun, godina Horroo guduruu Wallaggaa keessaa diina haleelee baasuun aanota hedduu dhuunfachuun kan beekamu yoo ta’u, waraana PP aanota kanneen irraa buqqa’aan irraas, miseensota garee waraanaa magaalaa Finca’aatii gootichaan rukutamanii ba’uun bakka addaa Didibbee jedhamu kan gara magaalaa shaambuutti siqee argamu qubatanii jiran keessaa, miseensotni Ajaja hooggantoota isaanii irraa baqattanii nutti as hin deeminaa magaalaa WBOn keessaa isin buqqisetti deebiyaa lolaa jedhu mormuun dura dhaabbatan keessaa ajajaa kumaa dabalatee haga ammaatti namni 6 ajjeefamuun dabalataanis magaalaa Shaambuu keessatti ajajoota waraana raayyaa ittisa impaayerattii lama ni baqqattan jechuun kan ajjeesan ta’uunillee gabaafame.



