• Sun. Jun 4th, 2023

Godina addaa Naannawwaa Finfinnee bulchiinsa magaalaa Buraayyuu keessatti waraannii fi milishoonni sirnichaa jiraattota hidhaa fi reebichaan dararaa jiru

May 23, 2023

ONM-ABO Caamsaa 23, 2023

Milishoonnii fi Waraanni sirnichaa Kan nagaa uummataa goolan, kaabinoota murnichaa waliin ta’uun Oromiyaa kutaalee garaagaraa keessatti Ilmaan Oromoo doorsisuu, hidhuu, ajjeesuu fi yakkoota mirga namoomaa sarban guyyaa gara guyyaatti irratti raawwachaa jiru.

Akkuma kanaan, godina addaa Naannawwaa Finfinnee bulchiinsa magaalaa Buraayyuu keessatti Ilmaan Oromoo bakka hojii idilee isaanii fi bakkeewwan bashannanaa kanneen akka mana Puulii fi Hoteelotaa akkasumas nama daandii irra deemu  cufa reebuu fi qabanii hidhaa jiraachuu jiraattotni himan.

Kana malees magaalaa Buraayyuu keessatti waraanni bilxiginnaa meeshaalee waraanaa gurguddaa qabatanii daandii irra socho’uun uummata shororkeessuu fi sakatta’iinsa bilbiloota harkaa geggeessuun dararaa raawwachaa kan jiran yoo ta’u, sababuma kanaafis jiraattotni maagaalichaa sodaa guddaa keessa jiraachuu dubbatan.

Leave a Reply