• Sun. May 28th, 2023

Gootichi waraannii bilisummaa Oromoo zoonii gidduu galeessa keessa socho’uu kaaba fi kaaba lixa shaggari fi baha Oromiyaa aanaa Cirooti diinaa du’aa fi madoon adabuu akkasumas fayyaatti booji’uu beksiise

May 24, 2023

ONM-ABO Caamsaa 23, 2023

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBON tarkaanfii laalessaa humna diinaa irrattii fudhatu jabeessi itti fufuun, waraannii bilisummaa Oromoo zoonii Zoonii Giddu gala keessa socho’uu kaaba fi kaaba lixa shaggar aanaa Warra Jaarsoo keessatti Lola jabaa guyyoota lamaaf humnoota diina irrattii haleellaa raawwateen injiffaannoo  boonsoo galmeessee jira.

Haala kanaanis waraanni bilisummaa oromoo diinaa boqonnaa dhorkuun Lola guyyoota lamaaf walitti fufiinsan kaaba Shaggar onaa Warra jaarsoo magaala Qacammee fi Oosee irratti fudhaate jira.

Lola gootichi waraannii bilisummaa Oromoo Caamsaa 20, 2023 taasiseen loltoota impaayeeratti 66 battalatti ajjeesun hedduu madoon yoo adabeera.

Itti fufuun lolaa guyyaa lammaffaa irraatti caamsaa 21, 2023 taasiseen  humna diinaarraa 64 du’aan adabuun hedduu madeessu fi loltoota sirnichaa 27 ta’aan fayyaatti boojii’uu fi ajajootaa kuma 4 du’aa fi madoo dandaammii hin qabneen adabee jira.

Waraanni daandeeti loltummaa fi namuusa waraanummaa hin qabne Ummatatti bobbaa’an kun meeshaalee gurguddaa Zuu-23 fi BM-85cm jedhaman dabalate meeshaale waraana gurguddaa ummaata irraatti dhukaasuun  lubbuu namoota nagaa fi Qabeenya Ummataa mancaasaniiru.

Tarkaanfii gootichi waraanni Bilisummaa Oromoo fudhaatu jabaate itti fufuun baha oromiya godina Lixa Harargee araddaa burqaa Ciroo keessatti Caamsaa 22, 2023 Cibran Elemoo Qilxuu edaa halkaan fudhaaten dhimma nageenyaa tokko fi wardiyaa rasaasan hidduun madoo ulfaatan adabee hospitaala magaala Cirooti yaalama jiru.

Tarkaanfii Waraanni Bilisummaa Oromoo fudhatu Hanga Bilisummaafi Walabummaa Oromiyaa itti fufa.

Hora bulaa deebanaa!

Injifannoo Uummata Oromoof

Leave a Reply