ONM-ABO Caamsaa 23, 2023
Rakkoon nageenyaa naannoo Gambeellaa keessa jiru saffisaan babal’achaa deemuun lubbuu namoota nagaa irratti gaagaa’ama cimaa Kan geessisaa jiru yoo ta’u, keessattuu ilmaan Oromoo jiruu fi jireenya dhuunfaa isaanii irratti hirkachuun hojii humnaa hojjetanii naannicha keessa jiraatan, hidhattoota naannichaan ajjeefamuu fi akka horiitti mormi irraa qalamuun ibiddaan gubamaa turuun ni bekaama.
Gamanumaan Caamsaa 21, 2023 walitti bu’iinsa bulchiinsa naannoo Gambeellaa keessa jiruun ilmaan oromoo 8 hidhattoota naannichaan ajjeefamuutu himame.
Wal waraansa waraana impaayerattii fi humna adda Bilisa Baasaa Gambeellaa (GLF) gidduutti geggeeffamaa jiru hordofuun, jiraattota jiruu fi jireenya dhuunfaa isaanii geggeeffachuuf gara naannichaa deeman, kan sabaan Oromoo ta’aan irratti tibba isaan mana amantaa keessatti waaqeffachaa jiranitti naannoo Gambeellaa Ganda nyinyaangi jedhamutti humni addaa naannichaa haleellaa kan raawwatan hoggaa ta’u, haleellaa kanaanis lubbuun Oromoota nagaa 8 ol darbuu ilmaan Oromoo naannichaa ibsan.
Akkuma saboota cunqurfamoo biroo hacuuccaa fi dhiittaa bulchiinsa abbaa irree balaaleffachuun qawwee kaasuun impaayeratti dura Kan dhaabbachaa jiran keessaa, addi Bilisa Baasaa uummata Gambeellaa tokko yoo ta’u, mirga hiree murteeffannaa uummatichaaf lola jajjabaa geggeessaa jiraachuu fi bifa haaraa ta’een cimsee itti fufuun hanga Caamsaa 22, 2023tti humnoota waraana impaayerichaa irraa hedduu ajjeesuu fi sagaleen meeshaalee waraanaa gurguddaan magaalaa Gambeellaa keessaa dhaga’aama akka ture jiraattotni miira sodaan Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himan.
Uummattootni naannoo Gambeellaas saboota mirga hiree murteeffannaa wal fakkaataa qaban waliin taanee impaayerattii ofirraa jiqsuu qabna jechuun sirnicha irraa jibba qaban Ibsaa turaniiru.



