ONM-ABO Caamsaa 24, 2023
Sochii Waraana Bilisummaa Oromoo godina Booranaa keessaa danquuf, milishoota walitti baasuun tarsiimoo fi tooftaa Riphe Lolaa jedhu leenjisuuf, mooraalee waraanaa bakkoota sochiin Waraana Bilisummaa Oromoo hedduummatutti ijaaruuf sochii keessa galanis, Waraanni Bilisummaa Oromoo irra dhangala’uun rifaatuu guddaa keessa galanii jiru.
Milishoota Godinichaa aanaa Dubuluq moonaa Beltoo fi bakka addaa moonaa Chaayinaa jedhamutti leenjisaa kan turan yoo ta’u, qaamolee tikaafi basaasaas leenjisuun bobbaasanii jiru.
Tarkaanfii Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo osoo isaan hin yaadin walakkaa isaanii seenuun irratti fudhateen daran rifachuun aanota Godina Booranaa:-
-Aanaa Waacillee
-Aanaa Dhaas
-Aanaa Dirree
-Aanaa Guchii
-Aanaa Miyoo
-Aanaa Dubuluq irraa milishoota walitti qabuun WBO akka lolaniif aanaa Dhaas keessatti gumeessanis, milishoonnii fi Waraanni PP, magaalaa Goorilee seenanii achii gadi ba’uu sodaachuun dabballoota sirnichaa waliin wal dhibaa jiraachuu maddeen keenya Aanaa Dhaas irraa gabaasaniiru.
Humna WBO jala dhaabbachuu kan dadhabe Waraanni PP, milishoota of dura oofuun bakkoota hedduutti sagaleen dhukaasaa tibba dhaga’aamutti waan qabu harcaasee miilaan lola keessaa furga’aa kan jiru yoo ta’u, milishootaafi Poolisoota idilees akka da’oo fi golgaatti itti fayyadamaa jiraachuus dubbatan.
