ONM-ABO Caamsaa 24, 2023
Safuu hawaasni qabuu fi naamusa aadaan Oromoo qabu cabsuun, murni seera kabachiisna jedhee bobba’u waraanni faashistii PP, qe’ee Oromoo keessatti shamarranii fi hawwan Oromoo dirqiin gudeeduu itti fufanii jiru.
Haaluma kanaan godina baha Wallaggaa ona Waamaa Agaloo keessatti ilmaan Oromoo irrattii hidhaa, reebichaa fi gudeeddii jabeessuun, dheengadda caamsaa 21, 2023 ganda Baataa Hawwaangiraa jedhamu keessatti haadha oromoo tokko Poolisoonni idilee nama torba ta’uun gudeeddii irratti raawwachuu Maddeen himan.
Keessa beektonni akka jedhanitti gudeeddii irratti raawwatameen fayyaan qaama haadha kanaa haala yaaddessaa keessa jiraachuu kaasuunii fi shamarranii fi haadholiin aanicha keessatti ba’aanii galuuf yaaddoo ulfaataa keessa jiraachuu dubbatan.
Oduu hidhaa aanichaan walqabatuunis dararriin Kan irraa hin dhaabbanne uummata Oromoo ona waamaa Agaloo keessaa, namoota maqaan isaanii Obbo Tashoomaa Dabalaa, Biraanuu Asmaraa fi Zawudee Naggasaa jedhaman irratti mirga namummaa isaanii sarbuun eenyummaa isaanii qofaaf hidhanii dararaa akka jiran maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
